Wir verwenden Cookies, um die Benutzerfreundlichkeit dieser Webseite zu erhöhen (mehr Informationen).

Prof. Dr. Werner Gitt

Akkamittan Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu danda'a?

Die grundlegende Frage, die suchende Menschen sich stellen, wird hier von Prof. Dr. Werner Gitt beantwortet. "Wie findet man den Himmel?" Auf jeden Fall nicht durch eigene Anstrengungen oder Konzepte. "Was aber bringt uns wirklich in den Himmel?" Gott hat die Einladungen für den Himmel schon verteilt wie im Gleichnis des Menschen, der zu einem großen Fest Einladungen verschickte. Doch viele Menschen redeten sich heraus.

Prof. Dr. Gitt ruft dazu auf, nicht so "kurzsichtig" wie diese Leute zu sein. Jesus will uns vor der Hölle erretten und diese wird kein Vergleich zu der sogenannten "Hölle von Auschwitz" sein. Er hat am Kreuz für unsere Schuld bezahlt, wir müssen diese Einladung nur annehmen, dann ist ein Platz im Himmel "gebucht". Ein Entscheidungsgebet soll den Lesern dabei helfen.

Dieses Traktat eignet sich besonders gut zur Weitergabe an suchende Menschen!

8 Seiten, Best.-Nr. 120-74, Kosten- und Verteilhinweise | Eindruck einer Kontaktadresse



Akkamittan Mootummaa
Waaqayyoo dhaaluu danda'a?

Namoonni baay’een waa‘ee jireenya bara baraa yaaduu hin barbaadan. Yeroo waa‘ee du’aa yaadanitillee du’aan boodaa waan ta’u yaaduu hin fedhan. Fiilmii ‚E.T.’ jedhamu keessaatti taatoo bu‘uuraa ta’uun kan taphatte Dreew Berimoor bara 1975 A.L.A. bakka hermoori jedhamutti kan dhalatte, yeroo umuriin ishee waggaa 28 ga‘u, “Adurree koo dura yoon du’e qaamni kiyyaa adurree kootiin nyaatamee kan hafe yoo hafes, kan ishiin nyaatame sanan yoo xiqqaate ishee ykn adurree koo keessaa jiraachuun barbaadaa“ jettee turte. Kun egaa hubannoo dhabuufi waan gara fuulduraatti ta‘uu malu arguu dadhabuu mitiiree?

Gooftaa Yesuus yeroo lafa kana irra turetti namoonnii baay’een gara isaatti dhufaa turan. Gaaffiin isaanis waa’ee yeroo ammaafi wantoota yeroo dhiyoo keessaatti ta’an irratti kan xiyyeeffatu ture.

  • Namoonni lamxii 10 fayyuu barbaaduu isaanii (Luqaas 17:13)
  • Namoonni jaamoonni arguu barbaaduu isaanii (Mat 9:27)
  • Namichi tokko Yesuus waa‘ee dhaalaa irratti akka isa gargaaru barbaaduu isaa (Luqaas 12:13-14)
  • Fariisonnii Yesuusiin dubbii barbaachaaf Qeesariif gibira kaffaluu isaanii (Mat 22:17)

Haa ta‘u malee namoonnii muraasni gara Yesuus dhufuudhaan, akkamitti gara mootummaa Waaqayyoo seenuun akka danda’amu ni dhaggeefatu turan. Dargaggeessi sooreessa ta‘ee hubannoo seeraa qabu tokko gara Yesuusitti dhiyaachuun.

„Yaa barsiisaa arjaa nana jireenya bara baraa dhaaluuf maal godhu“ jedheen (Luqas 18:18). Garuu Gooftaa Yesuus waan qabu hundaa dhiisee isa duukaa akka bu‘u yeroo itti himu, sooreessa waan ta’eef qabeenyi isaa garaa isa nyaatee, daandii mootummaa Waaqayyoo irraa gore.

Karaa biraatin immoo dargaggeessichi kun mootummaa Waaqayyoo galuuf barbaaduu baatuus barnoota waa’ee mootummaa Waaqayyoo dhaga’ee hubachuun gaaffii Yesuus gaafachuun carraa argatetti fayyadameera. Haaluma wal-fakkaatuun Zakiwoos yeroo baay’ee Yesuusin arguuf baay’ee osoo hawwuu, yeroo argatettis hamma inni eegeen ol Yesuus ta‘eeraf. Nyaata osoo waliin nyaataa jiraanii Yesuus “Har’a mana kanaaf fayyinni ta’eera“ (Luqaas 19:9) mootummaa Waaqayyoos argateera“ jechuun dubbateera.

Akkamittan mootummaa Waaqayyoo dhaaluu danda’a?

Akkuma ammaan dura ilaalleetti waanti nuti hubachuu qabnu:

  • Mootummaa Waaqayyoo argachuun kan dandaa’amu yeroo murta’e keessaatti jaal’atamtoota dubbistootaa! Kana jechuun jireenya bara baraa argachuuf murteessuun yeroon isaa amma ta’uu akka beektaan jechuu dha.
  • Gara mootummaa Waaqayyootti hojiiwwaan gagaarii qofa hojjechuun galuun hin danda’amu.
  • Haal-duree tokko malee mootummaa Waaqayyoo dhaaluun ni danda’ama.

Yaanni keenya gara mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf qabnu yaada Waaqayyoo waliin kan wal hin simne yoo ta’e dogogorreraa jechuudha. Fakkeenyaaf, namni sirbu ykn weeddisuu tokko beekamaa fi kan nama kofalchisuu waan ta’eef, yeroo soorama ba’etti mootummaa Waaqayyoo ni dhaala. Sababiin isaas namoota baay’ee waan kofalchiseef ykn waan sirbisiseef,”. Dubartiin soorettiin tokko, namoota harka qalleeyyii 20 ta’aniif mana ijaartee kennuun kaffaltii tokko malee keessaa akka jiraataan goote garuu, guyyaatti sa’aatii tokkoof akka isheen jireenya bara baraa argattuuf akka kadhataniif taasisaa turte.

Haa ta’uu malee dhugaadhaan akkamittiin mootummaa Waaqayyoo dhaaluun danda’ama?

Yesuus fakkeenyaatti fayyadamuun barsiise. Fakkeenyi kunis, Waaqayyoon kan mul’isuu yoo ta’u, mootiin tokko afeerraa guddaa akka godhe kan dubbatu ture. Wangeela Luqaas 14:16, mootichis namoonnii gara afeerraa isaa akka dhufan ergamtoota isaa erge. Haa ta’uu malee garuu namoonni waamaman deebiin isaanii gaddisiisaa ture. Hundi isaanii adda addaan waakkachuu jalqaban. Inni duraa, lafa biteen … inni biraa sangoota cimdii shan biteen … inni hafe haadha manaa fudheen … kanaafuu, dhufuu hin dandeenyu jedhaniin. Yesuus yeroo fakkeenya isaa dubbii mootichaan goolabu“ isiinii nan jedha, warra waamamee keessaa namni tokko illee dhiyaanan ani qopheesee hin dhandhamu“ jedhee dubbate.

Fakkeenyi kun baay’ee ifaadha. Saababni isaa Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu ykn dhaaluu dhabuun akka danda’aamu waan dubbateef. Yaanni bu’uura isaa waamicha fudhachuu ykn fudhachuu diduu ta’a. Kun waan salphaatti ta’u miti ree? Bara dhumaa irratti namootni mootummaan Waaqayyoo yoo itti cufame, kun kan ta’eef daandii waan hin beekneef osoo hin taane waan hin fudhanneef qofadha.

Fakkenya irratti kan ilaalle namootni sadanuu fakkenya gaarii nuuf ta’uu hin danda’an. Isaan keessaa namni tokko illee waamicha afeerra hin fudhanne. Maarree mootichi uummata gara afeerratti yeroo waamuu qubee warqeen hin bareefamne, garuu daandii salphaa ta’een “Kottaa“ jedhee qofaa waame. Waamicha kana salphaatti kan fudhatan afeerra guddaa irratti bakka qabaatu. Sana booda namootni baay’een gara bakka sanaa dhufuu jalqaban. Mootichis bakkeewwan ilaaluudhaan hojjattoota isaatiin “deemaa gara dandii sana dangaa magalaa ba’aatii waamaa, manni koos akka guutuuf“ jedheen.

Yaadni fakkeenya kanaa nuuf maal akka ilaallu barbaada. Kunis mootummaa Waaqayyoo keessatti bakka qaba. Waaqayyoo bakkee kana kottuu dhaali jedha. Murtee dhugaa murteesuudhaan bakkee bara baraa jiraadhaa. Kanas amma taasisaa.

Yesuus afeerraa faana kan firoomseef mootummaan Waaqayyoo bakka tolaa waan ta’eefi.

„Waan waaqayyo warra isa jaal’ataniif qopheesse,iji namaa hin argine, gurri namaa hin dhageenye yaadni namaas bira hin geenye.“ (1 Qorontos 2:9)

Lafa irratti goonkumaa mootummaa Waaqayyootiin kan wal-fakkaatu hin jiru. Dhabuu kan hin qabnee baay’ee toleessa kan ta’e mootummaa Waaqayyooti. Gati-jabeessaa fi bakka raajiiti ilma Waaqayyoo kan ta’e Yesuus daandii kana akka salphaatti nuuf bane. Gara mootummaa Waaqayyoo akka dhaallu taasise.

Waanti nuti gochuu qabnu yoo jiraate, gara mootummaa Waaqayyoo deemuu barbaaduu qofaadha. Akkasumaas kan boruu ilaaluu hin dandeenyee akkuma namoota warra fakkeenya irratti ibsamanii, afeerraa Waaqayyoo nii tuffatu.

Fayyinni gooftaa Yesuusiin

Hojii ergamootaa 2:21 luuqisii baay’ee barbaachisaa haa dubbifnu. „Maqaa gooftaa kan waammatu hundinuu immoo nii oola“ yaadni kun bu’uura barsiisa kaakuu haaraati. Phawuloos, mana hidhaa Filiphiyoos geggeessaa warra mana sirreessaatiin akkas jedhe. ”Gooftaa Yesuusitti amani ati in fayyita, maatiin kees in fayyu“ jedhee yaada walii galaa dubbatera. (hojii ergamootaa 16:31) Ergichi baay’ee ifaa fi gabaabaa ta’uu iyyuu guutummaatti jireenya kan jijiiru ture.

Yesuus maal irraa fayyisaa? Gaaffii baay’ee gaariidha. Daandii isa gara jireenya badii geessuu fi si’ooli irraa fayyisa. Macaafni Qulqulluun namootni mootummaa waaqayyoo ykn sii’ooliin keessa bara baraan akka jiraatan dubbata. Lamaan keessaa inni duraa waan gaarii yoo ta’u, inni itti aanu garuu gidiraadha. Kanaan alatti filannoon biraa gonkumaa hin jiru. Namootni du’anii daqiiqaa shan illee osoo hin turin duuti kan dhumaa akka hin taane amaanuuf carraa hin qaban. Jireenyii kee kan itti murtaa’u haariroo Yesuus waaliin qabduuni kun immoo jireenyi kee bara baraa eessatti akka ta’u murteessa jechuudha.

“Biyya Polaand daawwannaaf bakkan turetti kanaan dura Awushwitzi konseentireshin kampii“ bakka jedhamu yeroon ilaalu bakka kanatti bara (1942 – 1944 G.C). Bara bulchiinsa 3ffaa Jarmaan yeroo waraana adunyaa lammaffaa, sanyii warra Yihuudotaa miliyoona 1.6 ol ta’an haala baay’ee suukanneessaa ta’een, qaamni isaanii akka gubatu godhameera. Kana bu’uureffachuun og-barruuwwaan baay’een si’ooliin Awushwitzi dha jedhanii ibsu. Maarree jechamni kun namoota dhibba ja’a yeroo tokkotti balleessuuf kan qophaa’e gaazi champarii yeroon ilaaluu gara yadaa koo dhufe. Dhiphinni isaa akkam akka turee tilmamuu nii dandeenya jedhee hin yaadu haa ta’uu malee kun si’ooliin turee? Bara 1945 G.C. Jalqabee champarii kanati dhiphinni waan darbeef kan nama qaanessu haaja’ibni isaa ni darbe. Amma bakkicha daawwachuun nii danda’ama. Yeroo kanatti Awushwitzi kan dhiphatus kan du’us hin jiru. Haa ta’u malee si’ooliin bakka dhiphuu bara baraa akka ta’e macaafni qulqulluun ni dubbata. Seensaa kampichaa irratti akka qaamni Yesuus fannifame kan argisisu argeera. Moodeela kana kan hojjete bakka mana adabaa keessaa kan turee adabamaa seeraa ture. Innis girgiddaa iratti shorooqudhaan ture.

Adabaamaan seeraa kun bakka kanatti du’u illee, fayyisaa kan ta’e Yesuus nii beeka ture. Bakka dhiphinaatti du’uus mootummaa Waaqayyoo keessatti garuu fudhatama argateera. Kaakuu haaraa keessatti Yesuus kan ibse si’ooliin namni kamiyyuu jelaa ba’uu hin danda’u. Fakkenyaaf (Mat 7:13; Mat 5:29-30; Mat 18:8). Bakka dhiphinni isaa itti fufuu kaatanii si’ooliin daawwachuun nii dandeessu.

Mootummaan Waaqayyoos akkanuma, kan bara baraati, gara bakka kanatti Waaqayyoo siin fudhachuu barbaada. Afeerraa kanaaf eyyamamaa of taasisi. Mootummaa isaa barbaaduun maqaa gooftaa waammadhu.

Dubartiin tokko ana waliin erga mari’anneen booda macaafaa qulqulluu kenninaaniif baay’ee aartee turte. Akkamitti namni tokko gara mootummaa waaqayyoo seenuuf dursee bakka qabachuu danda’a? Jette. Dubbiin sun akka qamni bakka bu’un waan kana raawatu jiru fakkaata. “Anis ishee faana waliin gala.“ Yoo dursitee bakka qabachuu baatte, bakka deemuf barbaaddu gonkumaa ga’u hin dandeessu. Fakkeenya gara Eddo Hawa’ii deemuuf tikeetii sirrii ta’ee akkuma barbaachisuu gara jireenyaa deemuufis tikeetii sirrii fi dhugaa ta’e barbaaachisa jechuudha. Haata’uu malee tikeetimaa bituu barbachisaa yeroon isheen jettu, anis dhugumaan, mootummaa Waaqayyoo dhaaluufis ta’e kaffaluun dirqama. Ta’us garuu gatii kana kaffaluuf namni kamiyyuu hin danda’u. Waan baay’ee mi’aa ta’eef, Waaqayyo mootummaa isaa keessaati cubbuu argee bira darbuu waan hin dandeenyeef, cubbuun keenya achi akka hin seenne dhorkeera. Kanaafuu atis baraa baraan Waaqayyoo waliin jiraachuu yoo barbaadee cubbuu Irraa fayyuu qabdan jedheen. Kun immoo kan ta’uu, cubbuun kan isa hin beekneetti nuuf jedhee kan nama ta’e karaa Yesuus Kiristos qofani. Inni dhiiga isaatin fannoo irraa oolee gatii guddaa kaffaluun daandii bal’aa gara mootummaa Waaqayyootti nama galchu nuuf ta’eera.

Kanaafuu gara mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf maal gochuu qabna? Waaqayyoon hundumaa keenya waamicha caafata qullqullutin amma mootummaa isa dhaaluuf nu affeera.

  • Balbala isa dhiphaadhaan ol galuudhaaf wal-dorgomaa ,isinittan hima’o, namoonni baay’een kanaan ol galuudhaaf karaa barbaadu garuu hin danda’an. (Luqaas 13:24)
  • Mootummaan waaqayyoo waan dhiyaateef yaada garaa keessanii geeddaradhaa jedhee labsuu jalqabe. (Mat 4:17)
  • ”Karra isa dhiphaadhaan ol galaa ! Karaan gara badiisaatti geessu boochoodha,karri isaas bal’aadha; namoonni ittiin ol galan immoo baay’eedha.karaan gara jireenyaatti geessu rakkoodha, namoonni isa argatan muraasa” jedhe (Mat 7:13-14)
  • Wal’ansoo amantii isa gaarii sana jabeessii qabi! Jireenya bara baraas harka kee keessaa galfadhu! Isaaf waan waamamtee, dhuga-baatuu baay’ee duraati amantii kee ba’eessaa gootee beeksifteetta. (1.Ximo 6:12)
  • Isaan immoo ”Gooftaa yesuusitti amani ,ati in fayyita, maatiinkees in fayyu” jedhaniin. (Hojii Erg. 16:31)

Ergaa kana keessatti waanti miira namaa kakaasuu fi waamicha simadhu jedhaatii jira. Ergaawwan armaan olii kana hundaa yeroo hubannu, keessa namaa kan banuu fi gaarummaan kan guutameef waamicha yaada garaa geeddarannaa fudhattee kadhannaa armaan gadii kadhattee wamicha siif dhiyaate kana akka fudhattu gochuuf.

Yaa gooftaa Yesuus lubbuun koo iddoo argamsa keetiin ala turte. Har’a garuu waanan si hubadheef yeroo jalqabaatiif kadhannaadhaan gara keetti nan dhufa. Yeroo amma kana jenatni fi gahanamni amma jiru hubadheera. Gahanamni cubbuu kootii fi amanuu dhabuu kootiin akka na hin fudhannee akka na olchituuf sin kadhadha. Siwaliin mootummaa kee keessaa bara baraan jiraachuu nan barbaada. Siin amanuun malee gochammaan fedha foon kootii rawwaachuun mootummaa kee dhaaluu akka hin dandeenye hubadheera.

Bakka koo fannoo irraa oltee cubbuu kootiif gatii kaffalteerta. Ati jaalala waan taateef qooda koo naaf duuterta, sin galateefadha. Cubbuun ani umurii ijoolummaa kootii kaasee rawwaadhe, kan ani yaades ta’ee kan hin yaadanees ati argiteetta, ni beektaas. Ani si fuulduraatti amma caafata dubbifamaadha. Cubbamaa kana hunda keessaa ture waanan ta’eef, gara kee isa waaqa jiraataa dhufee mootummaa kee dhaaluu hin dandeenye.

Haa ta’uu malee cubbuu kootti waanan gaabbeef dhifama akka naaf gootu sin kadhadha. Si fulduratti waan gaarii hin taanee akkan dhiisuuf na gargaari. Amala fi barsiifata gaarii akkan qabadhuu fi sagalee kee akkan hubadhuu na taasisi. Waan natti dubbatu akkan hubadhuuf, jabinaa fi abdii fulduraa jecha irraa akkan argadhu na eebisi. Waan na dhageesseef galaanni siif haa ta’uu. Ammas siin abdadhee, sitti amanee gara keetti dhufeen jira. Amma mucaa kee ta’eera. Gaafa tokko immoo mootummaa kee keessatti siin waliin nan argama. Yeroo kanattillee ati waan hundummaan waan na faanaa jirtuuf gammachuunifi abdiin sirraa qabu dachaadha.

Maaloo adaraa siin kan amananiif, sagalee kee fi amantaa kee namoota na barsiisan namoota wal¬daa Waaqayyoo argachuu akkan danda’uuf gargaarsa keen sikadhadha. Ameen!

Daayireektarrii fi Pirofeesarii ture.
Dr. Ing. Werner Gitt